Monday, August 16, 2010

Wayyaaneen Oromoota Seeraan Ala Hiitee Ragaa Kijibaa Itti Bitaa Jirti!

(Madda Oduu ABO/ MOA/, Melbourne 14 Adoolessa 2010) Humnooti tika Wayyaanee barsiisaa Saamu’eel Dhinsaa Ayyaanaa magaalaa Adaamaa keessaa ukkaamsanii hidhuun hiraarsaa olaanaa akka irraan gahan maddeen keenya gabaasan.
Maddi Oduu ABO Adaamaa irraa akka gabaasetti humnooti tika Wayyaanee gaafa 11/9/2002 ALH galgala keessa naannoo sa’aa lamaatti yeroo  hojii turee gara mana isaatti galu ukkaamsanii gara firri hin beekneen geessan.
Kanneen yeroo sanatti dhimmicha ijaan argan akka MOAf ibsanitti, barsiisaan kun yeroo hojii irraa deebi’u ajaja mana murtii malee ukkaamsame. “Yeroo hojii irraa galu wayyaanoti mana isaa jala dhaabbatanii, innaa mana banachuuf furtuu isaa baafatu ‘ni barbaadamta’ jedhaniinii utuu inni mana isaa hin banatiin konkolaataa mata isaatiin utuu namni hin argiin ukkaamsanii deeman,” jedhan.
Akkaataa fi yeroo itti ukkaamsanis madden keenya yoo ibsan, “kan isaan isa ukkaamsanii deeman   halkan ture. Kana waan ta’eef garamitti, eessatti, maaliif, eenyuun akka qabame kan arge ykn kan dhagaa’ee hin jiru, “ jedhan.
Haata’uutii sababa manni haga guyyaa lamaatti cufamee tureef jecha warri mana itti kireessan obboleessatti bilbilanii akka  mana isaanii keessaa meeshaa isaa baasuuf gaafatan. “yeroo sanaa eegalee hanga turbaan lamaatti eessa akka inni jiraatu, maaliif akka ukkaamsame hin beekamne; kun immoo firoottan isaa dhiphuu fi yaaddoo keessa galche.”
Maqaaf heera biyyaa irratti namni tokko seeraan ala akka hin hidhamne kan kaaye mootummaan murna bicuun hogganamu, Wayyaaneen, lammiilee Oromoo Oromummaa isaaniitiin yakke seeraa ala dhoksaatti hidhee hiraarsaa isaan irratti geessisaa jiraachuu kanneen ragaa bahanis, “tattaaffii maatii isaatiin torbaan lama booda bakki barsiisaa Saamu’eel Dhiinsaa itti hidhame mana hidhaa giddugaleessaa (maa’ikelaawii) Finfinnee jiru ta’uun dhaga’ame,’ jedhu.
Barsiisaa Saamu’eel garuu yeroo sanatti humna waraanaa wayyaaneetiin akka malee hiraarsamee qaama isaarra miidhaan cimaan akka irra ga’e, mana murtii seeraattis sirnaan otuu hin geessamiin akka dhofkame, iyyannaa firoottan isaatiin booda immoo himannaa kijibaa kan maqaa ‘shororkeessummaa’ daheeffameen, ‘ABO wajjin hidhata qabda, namoota walitti qabdee kaayyoo ABO barsiista; maallaqa funaantee gara biyya alatti ergita, imeelaan ABO qunnamta,’ jechuudhaan  dhaddeechatti akka dhiyeessan hubatamee jira.
Yeroo ammaa kanattis mana hidhaa Qaallitii keesatti ilmaan Oromoo kumaatama waliin gidirfamaa akka jiru kan eeree gabaasaan Madda Oduu ABO, shira wayyanooti namoota qulqulluu ittiin yakkuuf  gochaa jirtus, “Wayyaanoti ragaa qabatamaa yeroo dhaban namoota horiin bitanii fidu. Barsiisaa Saamu’el harkatti ragaan qabame tokko illee hinjiru. Garuu, isa irrattis namoota qaaman isa hin beekne itti bituun akka  ragaa irratti bahan taasisan,” jechuun saaxilee jira.
Gama biraatiin, hidhamtooti yakkoota gurguddaa akka shororkeessummaan himataman abukaatoo seeraa illee argachuu akka hin dandeenyes hayyooti seeraa maqaan isaanii akka hin ibsamne barbaadan MOAf ibsanii jiru.
Akka hayyooti seeraa jedhanitti, yeroo ammaa kana biyya san keessatti abukaatoti yoo dhugaaf dhaabbatanii dhaddecha irratti falmii jajjabaa godhan isaan mataan isaaniiyyuu waan hordofamaniif dhimmoota akkasii irraa baqatuu, isaan kaan immoo maallaqa olaanaa akka gaafatuu filatan.
Kanneen horicha fudhatan iyyuu maqumaaf malee waanti hiikan akka hinjirre ragaa kan ta’u dhimma barsiisaa Saamu’el ta’uu akka fakkeenyaatti yoo ibsan, ‘abukaatoon isaaf dhaabate illee qarshii 10,000 (kuma kudhan) fudhate.  Haata’u iyyu malee bu’aa buusu hin dandeenye. Mirga wabii illee argamsiisuuf falmii bu’aa qabu hin goone,” jedhanii jiru.
Wallaggaa Bahaa, aanaa Limmoo- Galiilaa, ganda Lemmaata Gootuutti kan dhaalate barsiisaan umurii 24 kun, bara 2008 keessa Yunivarsiitii Jimmaa irraa damee barnoota Ingiliffaatiin digirii jalqabaan eebbifame. Barsiisaa Saamu’eel haga gaafa humnoota tikaa Wayyaaneetiin seeraan ala ukkaamsameetti mana barumsaa dhuunfaa magaalaa Adaamaa tokko keessatti mindeeffamee hojii isaa amantummaa fi gahummaan hojjachaa akka ture beekameera.
MOA

No comments:

Post a Comment